1 of 2

Seesaw poortifooliyoo barataan kee M/baruumsaatti wanta barate itti mul’isuu fi maatiif waan barate ittiin qooduu dha.

Asirratti barataan yaadannoo, viidiyoo,suuraalee, fotoowwan, boca suuraa, waraabbii sagalee, gaazexaa baruumsaatiif fi maatii isaatiif meeshaalee dhimma kanaaf fayyadamurratti ni maxxansa.

Barattoonni Seesaw irraatti sababa wanttoota baratan barsiisotaa fi maatii isaaniitiif waan qooddaniif ni jaalattu.

Maatiin Seesaw sababa wantoota daree baruumsaa keessatti ta’an hunda akka waan daree keessa jiraniitti akka yaadan waan isaan taasisuuf ni jaalatu. Barsiisonnii fi maatiin yeroo hundaa haala odeefannoon darburratti too’annaa ni godhu.

Al-tokko Seesaw waliin gama liinkiitiin qunnamtee jennaan ykn barsiisaan koodii ittiin qunnamtu sii erge taanaan hojii barataa kee maxxanfame hunda ni argatta.

.

Ibsa Seesaw

2 of 2

Waa’ee Seesaw irratti ergaan gama imeeliitii ykn ergaa gabaabaatiin akka siif ergamu murteeffachuu ni dandeessa.

Dhumarratti, yoo barbaadde ergaa sagalee ykn barreeffamaa gabaabaa ergachuuf murteessuu ni danddeessa. Seesaw ti gammadaa.

Galatoomaa!

.

Ibsa Seesaw